Fana: At a Speed of Life!

Gareen shororkeessaa ABUT fi Shanee godina Saba Oromoo Kamiseetti haleelamaa jiraachuu ibsame

Finfinnee, Sadaasa 2, 2014 (FBC)- Gareen shororkeessaa ABUT fi Shanee godina Saba Oromoo Kamiseetti weerarri gaggeessaa jiran barbadeeffamaa jiraachuu bulchaan godina Saba Oromoo Kamisee obbo Ahimad Hasan himan.

Gareen kun bakka gahe hundatti uummata ajjeesaa, qabeenya saamaa fi yakka gudeeddii raawwataa jiras jedhaniiru.

Obbo Ahimad Hasan turtii FBC waliin taasisaniin, garee kana barbadeessuuf gootichi Raayyaa Ittisa Biyyaa uummataa fi qaamolee nageenyaa waliin ta’uun haleelaa jira jedhaniiru.

Dabalataanis humni qilleensaa bakkeewwan gareen kun meeshaalee waraanaa jajjaboo buufate of eeggannaan tarkaanfii fudhataa jira, lammiileen nagayaa akka hin miidhamne of eeggannoo cimaa taasiseen lammiileen nagaa gama tarkaanfii Raayyaan Ittisa Biyyaa fudhatuun miidhaman hin jiranus jedhaniiru.

Haleellaa lafoo fi qilleensaa dandamachuu kan dadhabe gareen shororkeessaa kun dhumaatiif saaxilamaa jiras jedhaniiru.

Yeroo gabaabaa keessatti garee kana barbadeessuuf uummatni hundi gooticha Raayyaa Ittisa Biyyaa waliin dhaabachuu qaba jedhaniiru.

Gareen shororkeessaa kun waggoota 27 biyya bulchaa ture keessatti yakka ajjeechaa, saamichaa fi uummata dararaa kan ture ta’uu kan yaadachiisan obbo Ahimad, lammiin Ityoophiyaa kamiyyuu gareen kun akka hin deebi’ee hin dandamanetti awwaaluuf tumsa taasisuu qaba jedhaniiru.

Dabalee Gaarradootu gabaase.

Naannoo keessaan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.