Fana: At a Speed of Life!

Gareen shororkeessaa ABUT Ejansii dhiyeessa qorichaa damee Dasseetii qorichoota Birrii biiliyoona 2.6 saamuu fi barbadeessuu ibsame

Finfinnee, Muddee 5, 2014 (FBC) – Gareen shororkeessaa ABUT Ejansii dhiyeessa qorichaa Ityoophiyaa damee Dasseetii qorichoota Birrii biiliyoona 2.6tti tilmaamamu saamuu fi meeshaalee yaala fayyaa barbadeessuu Ejansichi beeksiiseera.
Ejansiin dhiyeessa Qorichaa Ityoophiyaa Dameen Dassee aanaalee naannoo Baha Amaaraatti argaman 60, Hospitaaloota 29, Buufataalee Fayyaa 308 fi dhaabbilee dhuunfaa 45 oliif tajaajila laachaa turuu Hojii gaggeessaan damichaa obbo Isheetee Shuumee ibsaniiru.
Dameen dhiyeessa qorichaa kun guutumaa guutuutti barbadaa’uu fi saamamuu obbo Isheeteen eeraniiru.
Waliigalan garichi qorichoota fi meeshaalee yaala Fayyaa Birrii biiliyoona 2.6tti tilmaamamu saamuu fi barbadeessuu isaa AMC gabaaseera.
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.