Fana: At a Speed of Life!

Gareen shororkeessaa ABUT dirqamee ta’us moo’atamuu isaa amanaa jira

Finfinnee, Muddee 13, 2014 (FBC) – Gareen shororkeessaa ABUT dirqamee ta’us moo’atamuu isaa amanaa jiraachuu ibsi hoggantoonni garichaa laatan ni muul’isa jedhame.
Mootummaan humna Makaanaayizdiin deeggaramuun miidhaa nurraan ga’aa waan jiruuf naannoo heera mootummaa keenyatti deebi’neerra jedhan hogganaan Waraanaa ABUT Tsaadqaan Gabratinsaay.
Tsaadqaan Gabratinsaay kana dura turtii BBC waliin taasiisaniin gareen shororkeessaa ABUT naannoo Amaaraa iddoolee hedduu weeraruu fi Finfinnee galuun mootummaa giddu galeessaa to’achuuf guyyoonni muraasni qofti kan isaan hafu ta’uu ibsanii turan.
Garichi yeroo gabaabaa keessatti barbadaa’uun kana hafe gara naannoo Tigraayitti dheeffaa jiraachuu gabaasni BBC eereera.
Gareen Shororkeessaa ABUT yeroo ammaa waamicha nageenyaa dhiyeessuun injifatamuu isaa kan muul’isu ta’uu ibseera.
Mootummaan Ityoophiyaa konkolaattoota humna waraanaa fi Loojastiiksii fe’an barbadeessuun garichi akka injifatamuuf sababa ta’uu Tsaadqaan ibseera.
Waraanni xumurameera, eenyu waliin mari’anna jechaa kan ture Tsaadqaan, yeroo ammaa humni isaanii naannoo Tigraay keessatti akka argamuu fi humni harca’aan gara naannichaatti deebi’aa jiraachuu BBCsiif himeera.
Waamicha nageenyaa mootummaan dhiyeesse guutumaan guutuutti kuffisuun waraana kan eegale garichi yeroo ammaa nageenyaaf dursa laachuuf baane wayita jedhu dhaga’ameera.
Guutumaa guutuutti dhukaasa dhaabuun gara marii nageenyatti deebi’uu barbaanna jechuun hoggantoonni garichi moo’atamuu fi kadhaa isaanii BBCsiin dhageessisaniiru.
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.