Fana: At a Speed of Life!

Gareen shororkeessaa ABUT dameewwan Baankii Daldalaa Ityoophiyaa 238 barbadeessuu ibsame

Finfinnee, Muddee 4, 2014 (FBC) – Gareen shororkeessaa ABUT Iddoolee weeraree turetti dameewwan Baankii Daldalaa 238 barbadeessuu Baankiin Daldalaa Ityoophiyaa beeksise.
Garichi iddoolee weeraree turetti hojjettoota baankichaa ajjeesuu fi qabeenya saamuu fi barbadeessuu Preezdaantiin Baankii Daldalaa Ityoophiyaa obbo Abbee Saannoon ibsaniiru.
Dameewwan Baankichaa Distiriiktii Kaaba biyyattiitti jalatti argaman 238 saamuu fi barbadeessuu eeraniiru.
Dameewwan Baankichaa Maqaleetti argaman 61 fi kan Shiree 59 hanga ammaatti haala akkamiirra akka jiran wanti beekkamu hin jiru jedhan.
Gareen shororkeessaa ABUT maallaqaa saamuu fi qabeenya baankichaarra ammoo miidhaa olaanaa qaqqabsisuu obbo Abbee Saannoon eeraniiru.
Miidhaa dameewwan kanneerra qaqqabe adda baasuun irra deebiin hojii akka eegalan gareen hundaa’ee qorannoo gaggeessaa jiraachuu.
Naannolee garicha jalaa bilisoomaanitti dameewwan 12 irra deebiin hojii eegaluu kaasaniiru.
Dameewwan 30 ammoo yeroo dhiyootti hojii eegalchiisuuf qophiin taasiifamaa jiraachuu himaniiru.
Maddi:-TOI
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.