Gareen kubbaa miilaa mana barumsaa Sadarkaa 2ffaa Awwaaroo Amboo Koongoo Kinshaasaa gahe
Finfinnee, Gurraandhala 11, 2014 (FBC)- Gareen kubbaa miilaa mana barumsaa Sadarkaa 2ffaa Awwaaroo Amboo Koongoo Kinshaasaa gaheera.
Waldorgommii kubbaa miilaa manneen barnootaa Paan Afrikaa Rippaablika Dimokiraatawa Koongootti gaggeeffamurratti Kubbaa miilaa dhiirootaan manni barumsaa Awwaroo Amboo sadarkaa 2ffaa Ityoophiyaa bakka bu’uudhaan ni hirmaata.
Manni barumsaa sadarkaa 2ffaa Awwaroo Amboo carraa waldorgommii manneen barnootaa Paan Afrikaa kanarraatti hirmaachuuf gulaallii taasisaa ture olaantummaan goolabuun Ityoophiyaa bakka bu’ee carraa hirmaachuu kana kan argate.
Dubartootaan ammoo Manni barumsaa sadarkaa 2ffaa Diillaa Ityoophiyaa bakka bu’uun wal morkii manneen barnootaa Afrikaa kanarratti kan hirmaatu ni ta’a.
Dajanuu Gonfaatu gabaase
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.