Fana: At a Speed of Life!

Gareen Kubbaa Miilaa Biyyaalessa Ityoophiyaa gita iaa Zimbaabuwee waliin har’a ni taphata

Finfinnee, Qaammee 2, 2013 (FBC) – Gareen Kubbaa Miilaa Biyyaalessa Ityoophiyaa gulaallii Waancaa Addunyaa bara 2022 qopheessummaa Kuwaatariin gaggeeffamuuf har’a gita isaa Zimbaabuwee waliin Istaadiyeemii magaalaa Bahaar Daaritti ni taphata.
Gareen Kubbaa Miilaa biyyaalessa Ityoophiyaa har’a sa’aatii 10:00 irraa eegaluun tapha 2ffaa isaa haala Prootokoolii weerara Covid 19 eegeen gita isaa Garee Kubbaa Miilaa Biyyaalessa Zimbaabuwee waliin Istaadiyeemii magaalaa Bahaar Daaritti ni taphata jedhameera.
Taphni kun deeggartoota malee kan gaggeeffamu ta’uu ibsameera.
Tapha marsaa jalqabaan Ityoophiyaan Gaanaan goolii 1 fi 0 yoo injifatamtu, Zimbaabuween ammoo Afrikaa Kibbaa waliin goolii malee qixa ba’uun kan yaadatamuudha.
Tapha eda biyyoota ramaddii kana keessatti argaman Afrikaa Kibbaa fi Gaanaa gidduutti taphatameen Afrikaan Kibbaa goolii 1 fi 0n Gaanaa injifachuun ramaddicha qabxii 4 dursuu eegalteerti.
Siifan Magarsaatiin
Feesbuuki keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.