Fana: At a Speed of Life!

Gareen Koreewwan Dhaabbii Caffee naannoo Oromiyaa godinalee garaagaraatti daawwannaa taasise

Finfinnee, Amajjii 5, 2013 (FBC)- Gareen Koreewwan Dhaabbii Caffee naannoo Oromiyaa godinalee garaagaraatti hojii bu’uraalee misoomaa daawwateera.
Garichi godina Booranaa aanaa Yaa’a Bal’oo, godina Harargee Bahaa aanaa Baabbillee, godina Arsii Lixaa aanaa Wandoo fi Dhadheessaatti hojiiwwan proojektii addaa addaa kan daawwate.
Dawwannaa isaaniin kilaastera qamadii Walqeebalaa Araddaa bishaan Baabbilee, proojektii mana barumsaa Ifa Boruu Wayyuu sadarkaa 2ffaa, Mana Barumsaa sadarkaa 2ffaa Baabbileetti sirna baruu fi barsiisuu covid-19 boodaa fi ijaarsa daandii keessa keessaa daawwachuun hanqinaalee fi ciminaalee jiru madaaleera.
Proojeektiiwwan daawwataman keessaa ijaarsa Galma Abbaa Gadaa Aanaa Wandoo fi bishaan dhugaatii isaan ijoodha.
Aanaa Dhadheessaatti proojeektiin walqabatee, bishaan dhugaatii, riqichaa fi jallisiin haala gaariin yeroo qabameef keessatti ijaarsisaa xumuuramaa kan jiruu fi raawwiin jiru fakkeenyummaa kan qabu ta’uusa korichi dawwannaa taasiseen mirkaneessera.
Bu’uraalee misoomaa magaalaa Yaa’a Bal’oo, oomisha kilaastera Qamadii fi proojeektii mana barumsa bultii addaa, aanaa Yaa’a Bal’oo dawwataniiru.
Garichi hawaasa waliin marii taasisuusa ragaan Caaffee Oromiyaaarra argamee ni muul’dhisa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.