Fana: At a Speed of Life!

Gareen Koreewwan Dhaabbii Caffee hojiiwwan misoomaa magaalaa Ciroo keessatti hojjetamaa jiru daawwate

Finfinnee, Amajjii 3, 2013 (FBC) -Gareen Koreewwan Dhaabbii Caffee hojiiwwan misoomaa magaalaa Ciroo keessatti hojjetamaa jiru daawwate.
Gareen kun, dura taa’aa Koree Dhaabbii Dhimma Misooma Magaalaa obbo Lachiisaa Hayyuun durfamu, hojiiwwan bu’uura misoomaa magaalaa Ciroo keessatti hojjetamaa jiran daawwachuu Waajjirri Caffee ibsa nuuf ergeen beeksiseera.
Daawwannaa taasifame keessatti, manneen waliinii ijaarsi isaanii bara 2000 eegalee dhaabbatee hafe, ijaarsa bo’oo lolaa, kilaastara IMX fi kutaa dabalataa mana barumsaa Elemo Qilxuu keessatti argamu.
Kana malees, ittisa COVID-19n walqbaatee mana barnootaa Elemoo Qilxuu keessatti ofeeggannooo taasifamaa jirus daawwateera.
Waliigalaan, hojiiwwan misoomaa sadarkaa magaalichaatti akka gaariitti hojjetamanii fi raawwii fooyya’aa qaban cimanii itti fufuun tajaajila ummataatiif ooluu akka qaban ibsuun, hojiiwwan raawwiin isaanii hanqina qaban ammoo xiyyeeffannoo olaanaa argatanii sirreeffamuu akka qaban obbo Lachiisaan ibsaniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.