Fana: At a Speed of Life!

Waliigaltee nageenyaa booda jijjiiramoota jiran ittifufsiisuuf mootummaan murannoo qaba-Obbo Taggasaa Caafoo

Finfinnee, Mudde 17, 2015(FBC)- Waliigaltee nageenyaa booda jijjiiramoonni hedduun jiraachuu fi jijjiiramoota kanneen caalmaan cimsanii itti fufsiisuuf mootummaan murannoo qabaachuu Afyaa’iin Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa Obbo Taaggasaa Caafoon ibsan.

Gareen jilaa mootummaa federaalaa har’a gara Maqaleetti imalee Jiraattota Maqalee fi qondaaltota ABUT waliin mari’ateera.

Maricharrattis hoggantoonni dhaabbilee Ityoo Teleekoom, Daandii Qilleensaa Ityoophiyaa, Baankii Daldalaa Ityoophiyaa, Tajaajila Elektirikii Ityoophiyaa, Abbaa Taayitaa Daandiiwwanii Ityoophiyaa, Ministeera Geejjibaa fi Loojistiksii, Ministeera Indaastirii fi kanneen biroon sadarkaa bu’uuraaleen misoomaa irraa jiranirratti ibsa kennaniiru.

Fuuldurattis tajaajiloota bu’uuraalee misooma hineegalamiin yeroo gababaa keessatti eegalchiisuuf kan hojjetamu ta’uun ibsameera.

Afyaa’iin Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa Taaggasaa Caafoon, adeemsi hanga ammaatti ture biyyoonni ollaa adeemsa araaraa keessatti gumaacha olaana bahachuu ibsanii, kana boodaa rakkoolee waliin mari’achuu qabnaa jedhaniiru.

Waliigaltee nageenyaa booda jijjiiramoonni hedduun jiraachuus kaasanii, jijjiiramoota kanneen caalmaan cimsanii itti fufsiisuuf mootummaan murannoo qabaachuu argisiisuuf naannichaatti kan argaman ta’uu eeraniiru.

Qaama sadaffaa malee rakkoolee jiran furuuf wal arguun tarkaanfii olaanaa ta’uu Dura Taa’aan ABUT Dooktar Dabretsiyoon Gabiremikaa’eel dubataniiru.

Yeroo ammaa waliigaltee nageenyaa booda adeemsi nageenyaa eegalame haala gaariin gaggeeffamaa akka jiru ibsuun, caalmaan ummata rakkoo keessa jiru qaqqabuuf saffisaan hojjechuun murteessaa ta’uu dubbataniiru.

Kana booda duubatti deebi’uu utuu hintaane fuulduratti yaaduun rakkoolee ummataa furuu barbaachisas jedhaniiru.

Taarikuu Laggasaatu gabaase

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.