Fana: At a Speed of Life!

Gareen Invastimatii Gamtaa Chaayinaa Ityoophiyaatti naannoo Industirii ijaaruuf fedhii qabaachuu beeksise

Finfinnee, Amajjii 26, 2012 (FBC) – Gareen Invastimatii Gamtaa Chaayinaa Ityoophiyaatti naannoo Industirii ijaaruuf fedhii qabaachuu beeksise.

Ministir Deettaan Ministeera Dhimmaa Alaa Dooktar Akiliiluu Haylamikaa’el jila preezdaanti garee invastimatichaa Sahiicheeng Zhiing durfamu waliin mari’ataniiru.

Maricharrattis carraa invastimantii Ityoophiyaatti argamu, dhimmoota mootummaa Ityoophiyaan dursa kennamaanii fi feedhii garee invastimatii kanaarratti mari’achuu Ministeerri Dhimma Alaa beeksiseera.

Dooktar Akiliiluun Ityoophiyaa keessa biyyoota lamaan fayyaduu kan danda’u jiraachuu garichaaf ibsaniiru.

Preezdaantin garee invastimatichaa Sahiicheeng Zhiing gama isaniin dhaabbatichi Finfinnee naannoo industirii ijaaruuf karoora akka qabu himaniiru.

Akka ibsa preezdaantichaatti naannichi oomisha elektirooniksii fi wiirtuu gabbisa sooftiweerii dabalatee hoteeloota tajaajila garagaraaf oolaanii fi gamoo manneen jireenyaa waliinii of keessatti kan qabatedha.

Karoora gareen invastimantichaa qabate akka milkaa’uuf mootummaan Ityoophiyaa deeggarsa barbaachisu akka taasisu ibsameera.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.