Fana: At a Speed of Life!

Gareen Invastimantii Dhaabbilee Misoomaa Oromiyaa hundeeffame

Finfinnee, Sadaasa 8, 2015(FBC)- Gareen Invastimantii Dhaabbilee Misooma Oromiyaa hundeessuuffameera.

Sagantichi Waajjira Pireezdantii Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaatti kan gaggeefamaa jiru yoo ta’u, Pireezidaantii Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa dabalatee qondaaltonni hojii mootummaa naannichaa fi federaalaa biroon argamaniiru.

Kaayyoon hundeeffama garee invastimantii dhaabbilee misoomaa kun faca’iinsa dhaabbilee misoomaa mootummaa hambisuun, dhaabbilee walfakkaatan bakka tokkotti fiduun hojiilee invastimantii gaggeeffaman keessatti hawaasa hirmaachiisuun fayyadamummaa mirkaneessuuf akka ta’e eerameera.

Kana malees, bu’aalee diingdee argamsiisuu fi giddugala teeknooloojii fi kalaqaa taasisuun ce’uumsa gara indastiritti taasifamu dhugoomsuuf kan hundaa’e ta’uun ibsameera.

Amartii Tasfaayeetu gabaase

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.