Fana: At a Speed of Life!

Gareen Ijaarsa Dandeettii Ittisa Sodaa Balaa Afrikaa Itiyoophiyaa waliin hojjechuuf kutannoo qabaachuu ibse

Finfinnee, Mudde 8, 2016 (FBC)- Gareen ijaarsa Dandeettii Ittisa Sodaa Balaa Afrikaa balaawwan umamaniif deebii kennuuf Itiyoophiyaa waliin hojjechuuf kutannoo qabaachuu beeksiseera.

Ministirri Mummee Ittaana fi Ministirri Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Mokonniin, jila Daayrektara Olaanaa Garee Ijaarsa Dandeettii Ittisa Sodaa Balaa Afrikaa Ibraahiim Cheek Diyooniin durfamu waliin mari’ataniiru.

Marichaarratti Ibraahiim Cheek Diyoon, Itiyoophiyaan miseensa Gareen Ijaarsa Dandeettii Ittisa Sodaa Balaa Afrikaatti ta’uun baga gammaddan jedhaniiru.

Garichi fedhii Itiyoophiyaa bu’uureffachuun balaawwan umamaniif deebii kennuuf biyyattii waliin hojjechuuf kutannoo qabaachuu dubbataniiru.

Garichi yeroo ammaa miseensa biyyoota 39 akka qabu eeranii, biyyoota kanneen waliin ta’uunis balaawwan akka lolaa, hongee, weeraraa dhibeewwanii fa’aa ittisuu fi to’achuuf sadarkaa Ardiitti kan hojjetu ta’uu himaniiru.

Obbo Dammaqaa Mokonnin gama isaaniin miseensa garee inshuraansii ta’uun carraa gaariidha jedhaniiru.

Dhiibbaa balaawwan umamaa fi namtolchee hir’isuuf raaga, qophaa’ummaa fi deebii kennuun akka barbaachisu akeekaniiru.
Dandeettii biyyaalessaa akeekkachisa duraa cimsuu, tooftaalee deebii kennuu cimaa diriirsuu, hojiilee deebisaanii dandamachiisuu hojjechuun balaawwan dandamachuuf tarkaanfiiwwan murteessaa ta’uu kaasaniiru.

Itiyoophiyaan hojiilee kanneen gama Koomishinii Hoggansa Soda Balaa Biyyaalessaan kan hojjettu ta’uu Obbo Dammaqaan ibsaniiru.

Itiyoophiyaan tarsiimoo ittisa balaa kan qabdu ta’us, daran xiyyeeffannaa akka argatuu fi balaawwan umaman dandamachuuf dandeettii ofii ishee akka cimsituuf tarsiimichi fooyyeffamaa jiraachuu himuu ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.