Fana: At a Speed of Life!

Gareen biyyaalessa Ityoophiyaa umrii waggaa 23 gadii gita isaa Eertiriyaan injifatame

Finfinnee, Adooleessa 19, 2013 (FBC) – Taphni Biyyoota Giddugaleessaa fi Baha Afrikaa umrii waggaa 23 gadii har’a sadarkaaf Ityoophiyaa fi Eertiriyaa gidduutti taphatame olaantummaa Eertiriyaan xumurameera.

Sa’aatii idileen 1 qixaan xumuramuun rukuttaa adda bahiinsaan Eertiriyaan 3 fi 2 Ityoophiyaa injifatteerti.

Bu’aa kana hordofee gareen biyyaalessa Eertiriyaa umrii waggaa 23 gadii sadarkaa 5ffaa argachuu Iftaan Rippaablikaa Diimookiraatawaa Koongoo fi Ugaandaa keessaa kan injifate waliin ni taphata.

Gareen biyyaalessa Ityoophiyaa ammoo Rippaablikaa Diimookiraatawaa Koongoo fi Ugaandaa keessa kan injifatame waliin kan taphatu ta’uu Sookara Ityoophiyaan gabaaseera.

Gareen biyyaaleessa Ityoophiyaan tapha Seekaafaa ala ta’uun isaa kan yaadatamuudha.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.