Gareen biyyaalessa Ityoophiyaa umrii waggaa 18 gadii har’a gita isaa Ugaandaa waliin ni taphata
Finfinnee, Adoolessa 18, 2015 (FBC) – Gareen Kubbaa Miilaa dubartootaa biyyoolessaa Ityoophiyaa umrii waggaa 18 gadii har’a tapha Waancaa Bahaa fi Giddu galeessa Afrikaaf gita isaa Ugaandaa waliin ni taphata.
Taphni Waancaa Bahaa fi Giddu galeessa Afrikaa qopheessummaa Taanzaaniyaan gaggeeffamu kun har’a ni eegala.
Gareen Kubbaa Miilaa dubartootaa biyyoolessaa Ityoophiyaa umrii waggaa 18 gadii har’a galgala sa’aatii 12:00 eegalee Istaadiyeemii Azaam Kompileeksitti gita isaa Ugaandaa waliin kan taphatu ta’uu ragaan Federeeshinii Kubbaa Miilaa Ityoophiyaarraa argame ni mul’isa.
Tapha kanarratti biyyoonni naannawichaa 6 ni hirmaatu jedhame.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.