Fana: At a Speed of Life!

Gareen Biyyaalessa Ityoophiyaa gulaallii Waancaa addunyaa marsaa jalqabaa Hagayya 28, 2013 ni taphata

Finfinnee, Hagayya 15, 2013 (FBC)- Gareen Biyyaalessa Ityoophiyaa gulaallii Waancaa addunyaa marsaa jalqabaa bara 2022 Kuwaataritti gaggeeffamuuf Hagayya 28, 2013 ni taphata.
Waaliyaanoonni ramaddii 7 jalatti Gaanaa, Ziimbaabuwee fi Afrikaa Kibbaa waliin ramadamuun kan yaadatamuudha.
Gulaallii ramaddii marsaa jalqabaa Gaanaa Waliin Ankaaraatti Hagayya 28,2013 yoo taphatu tapha deebii Istaadiyeemii magaalaa Bahaar Daaritti Qaammee 2, 2013 ni taphata jedhameera.
Gareen Biyyaalessa Ityoophiyaa Leenjisaa Wubatuu Abaataan leenji’u Adaamaatti qophii taasiisaa jira jedhameera.
Garichi tapha gulaallii Waancaa Addunyaa dura taphoota michoomaa lama kan gaggeessu ta’uu ragaan Federeeshinii Kubbaa miilaa Ityoophiyaarraa argame ni muul’isa.
Tapha michoomaa jalqabaa garee biyyaalessaa Seeraaliiyoon waliin Hagayya 20, 2013,yoo taphatu, tapha 2ffaa garee biyyaalessa Ugaandaa waliin Hagayya 23, 2013 ni taphata jedhameera.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.