Fana: At a Speed of Life!

Gareen badii nageenya magaalaa Finfinnee booreessuuf ABUT irraa ergama fudhatee socho’aa jiru jiraachuu ibsame

Onkololeessa 30, 2013 (FBC) – Gareen badii nageenya magaalaa Finfinnee booreessuuf ABUT irraa ergama fudhatee socho’aa jiru jiraachuu eeruu ummatarraa argameen mirkanaa’uu ibsame.
 
Eenyummaa namoota sababa hojiin uffata seeraa uffachuun gara dhaabbilee fi manneen jireenyaa imalan mirkaneessuun barbaachisaa ta’uu Komishiniin Poolisii magaalaa Finfinnee yaadachiiseera.
 
Komishiniin Poolisii magaala Finfinnee qaamoolee garee ABUT irraa ergama fudhachuun badii raawwachuuf socho’aa jiru seeratti dhiyeessuuf hojii qindoomina qabu hojjechaa jiraachuu ifoomseera.
 
Hanga ammaattis qaamoolee badii raawwachuuf socho’aa turan meeshaalee waraanaa waliin too’annoo jala oolan seeratti dhiyeessuuf qorannoon gaggeeffamaa jiraachuu ibsameera.
Uffanni seeraa manneen jireenyaa dhuunfaa keessatti argamuu eerrameera.
 
Gareen kun uffata seeraa uffachuun iddoo garaagaraatti haleellaa raawwachuu waan danda’uuf qaamooleen nageenyaa hordoffii cimaa taasisaa jiraachuu komishinichi eereera.
 
Komishiniin Poolisii magaalichaa jiraattoonni magaalichaa eenyummaa namoota uffata seeraa uffachuun socho’anii qaamoolee nageenyaa waliin ta’uun mirkaneessuu akka qaban waamicha dhiyeessuu isaa ragaan komishinicharraa argame ni agarsiisa.
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.
 
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.