Gareen ABUT Raayyaan Ittisaa naannichaa ba’uu akka carraa gaariitti fayyadamuun yaalii haleellaa taasiisaa jira – Leetanaan Jeneraal Baacaa Dabalee
Finfinnee, Adooleessa 7, 2013 (FBC) – Gareen ABUT Raayyaan Ittisaa naannichaa ba’uu akka carraa gaariitti fayyadamuun yaalii haleellaa taasiisaa jiraachuu Qindeessaa Olaanaan Hojiilee Ijaarsa Humna Waraanaa Leetanaan Jeneraal Baacaa Dabaleen ibsaniiru.
Leetanaan Jeneraal Baacaa Dabaleen haala waqtaawaa ilaalchisee ibsa laataniiru.
Gareen shororkeessaa ABUT murtoo waliigaltee dhukaasa dhaabuu dhuunfaa fudhachuuf amalli isaa hin eeyyamuuf jedhan.
Garicha yeroo hunda amala walitti bu’iinsaa fi qocholaan jiraachuu qaba.
Yeroo ammaa daa’immanii fi maanguddoota waraanaa keessatti hirmaachisaa jiraachuu ibsaniiru.
Fedhii gareen ABUT Ityoophiyaa bittinneessuuf taasiisaa jiru akka hin milkoofne mirkanneessuu fi agarsiisuun dirqama ta’a jedhan.
Hojiin loltummaa loltootan malee Aktiiviistootan kan raawwatamuu miti, eessaa fi tarsiimoo akkamiin garichi awwaaluun akka danda’amu ni beekna jedhan.
Ummanni Ityoophiyaa Raayyaa Ittisaaf deeggarsa barbaachisu taasiisuu akka qabu waamicha dhiyeessaniiru.
Wareegama barbaachisu kamiiyyuu kaffaluun Ityoophiyaa itti fufsiisuuf hojjetaa jirra jedhan.
Garichi ololaan ummata naannichaa burjaajessaa jiraachuu eeraniiru.
Lolli amma gaggeeffamu kaayyoo gareen ABUT Ityoophiyaa bittinneessuuf qabatee ka’e gufachiisuun Ityoophiyaa akka biyyatti itti fufsiisuu fi daangaa biyyattii mirkaneessuuf gaggeeffamu ta’uu eeraniiru.
Awwaalcha garichaa mirkaneessuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu kaasaniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.