Gareen ABUT naannichatti nagaa buusuuf tattaaffii taasiifamaa jiru gufachiisaa jira – Ambaasaaddar Birhaanuu Tsiggaayee
Finfinnee, Adooleessa 7, 2013 (FBC) – Gareen ABUT naannichatti nagaa buusuuf tattaaffii taasiifamaa jiru gufachiisaa jiraachuu Jiibuuttii Ambaasaaddarri Ityoophiya Birhaanuu Tsiggaayee ibsaniiru.
Ambaasaaddar Birhaanuu Tsiggaayeen haala waqtaawaa ilaalchisee Jiibuutiitti Ambaasaaddara Ameerikaa Joonaataan Piraat waliin mari’ataniiru.
Ambaasaaddar Birhaanuun mootummaan qonnaan bultoonni qonna gannaa tasgabbiin akka gaggeessanii fi deeggarsi namoomaa sirnaan akka qaqqabuuf tarkaanfii dhukaasaa dhaabuu fudhachuu ibsaniiru.
Mootummaan Ityoophiyaa loltoonni Eertiriyaa daangaa Ityoophiyaarraa akka ba’an taasiisuu eeraniiru.
Akkasumas lammiilee naannoo Tigraay deeggarsa namoomaa barbaadaniif hojiin deeggarsa dhiyeessuu hojjetamaa jiraachuu ibsa taasiisaniiru.
Yaa ta’uutii gareen ABUT ammas faallaa kanaan ajjeechaa garaa jabinaa lammiilee nagaarratti raawwachaa jiraachuu eeraniiru.
Hojii naannicha tasgabbeessuu hojjetamaa jiru gufachiisaa jiraachuu hubachiisaniiru.
Gama biroon Ambaasaaddar Birhaanuun filannoon biyyaalessaa marsaa 6ffaan Waxabajjii 14, 2013 gaggeeffame karaa bilisaa fi iftoomina qabuun gaggeeffamuu kaasaniiru.
Jiibuutiitti Ambaasaaddara Ameerikaa Joonaataan Piraat gama isaaniin filanni karaa milkii qabuun gaggeeffamuu isaaf erga baga gammaddanii dabarsaniiru.
Hariiroo Ityoo – Jiibuutii dinqisiifataniiru.
Qaamoleen lameen dhimmoota waloo biyyoota lamaanirratti mari’achuu isaanii ragaan Jiibuutiitti Imbaasii Ityoophiyaarraa argame ni muul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.