Fana: At a Speed of Life!

Gareen ABUT bu’uraalee misoomaa naannoo Tigraay diigaa jira – Qulqulleessa ragaa labsii yeroo ariifchisaa

Finfinnee, Sadaasa 9, 2013 (FBC) – Gareen badii ABUT bu’uraalee misoomaa naannoo Tigraay diigaa jiraachuu Qulqulleessa Ragaa Labsii Yeroo Ariifchisaa beeksise.
Raayyaan ittisa biyya dhiibee itti dhufanaan gareen ABUT daandiiwwan kallattii hundaan gara Maqalee geessu Riqichoota 4 diiguu Qulqulleessi Ragaa kun ifoomseera.
Da’annoon gurguddoon garee kanaa diigameera, moo’atamuun kallattii shireen irra qaqqabe kan isa gube gareen kun daandii aspaaltii Shiree fi Aksumiin gidduutti argamu diiguun gara bool’atti jijjiireera.
Gareen Juuntaa kun hanga har’aatti badii raawwataa ture dabalatee bu’uraalee misoomaa barbadeessaa jiruun yeroo dhiyootti itti gaafatama.
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.