Gareen ABUT buufatalee baqattoonni keessa qubatan osoo hin hafin haleellaa raawwachaa jiraachuu ibsame
Finfinnee, Adooleessa 7, 2013 (FBC) – Gareen ABUT tarkaanfii dhukaasa dhaabuu cinaatti dhiisuun buufatalee baqattoonni keessa qubatan osoo hin hafin haleellaa raawwachaa jiraachuu Ejansiin Godaantootaa fi Godaansaa deebitootaa ibseera.
Garichi waliigaltee dhuunfaan dhukaasa dhaabuu kuffisuun buufatalee Baqattootarratti haleellaa raachaa jiraachuu ejansichi himeera.
Godaantoonni Eeritiraa buufataalee Maay –Ayinii fi Adii Haruush keessa jiraataan sodaa nageenyaaf saaxilamuu kaaseera.
Sababa kanaan godaantoonni kunneen gara biyya 3ffaatti akka dabafamanii fi furmaanni ariifachiisaan akka laatamuuf gaafachuu ejansichi beeksiiseera.
Deeggarsa gama mootummaan taasiifamaa jiru hubachuun hawaasni idil addunyaa deeggarsa qabatamaa taasiisuu akka qaban Ejansichi waamicha dhiyeeseera.
Baqattoonni kunneen buufataalee haaraa biroo keessa akka qubatan adeemsa taasiifamaa jiruuf deeggarsi hatattamaa taasiifamuu akka qabu ejansichi gaafateera.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.