Fana: At a Speed of Life!

Gareen ABUT buufata raadiyoo odeeffaannoo sobaa fi sochii lolaa ittin tamsaasaa ture hatuu fi barbadeessee baqateera

Finfinnee, Sadaasa 26, 2013 (FBC)- Gareen ABUT buufata raadiyoo Dimtsa Wayyaanee odeeffaannoo sobaa fi sochii lolaa ittin tamsaasaa ture hatuu fi barbadeessee magaalaa Maqaleeti ba’unsaa beekameera.

Qindoomina raayyaa ittisa biyyaa dandamachuu kan dhadhabee garichi ‘an duunaan sardoon hin biqilin’ akkuma jedhamuu qabeenyaa mootummaa fi uummataa argatee hatuu fi barbadeessuun baqateera.

Keessaayyu bu’uraalee misoomaa manneen barnootaa, buufatalee fayyaa, daandii, riqaalee fi buufata xiyyaaraa irratti halleellaan raawwate gara jabeenyumma isaaf agarsiiftudha jedhameera.

Garichi buufata raadiyoo odeeffaannoo sobaa fi sochii lolaa ittin tamsaasaa ture qabeenya uumataa ta’uus ‘an duunaan sardoon hin biqilin’ jechuun qabeenyaa istudiyootti argamuu hatee kan hafee ammo barbadeessee baduun isaa himammeera.

Maddi:-TOI

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.