Fana: At a Speed of Life!

Garee Shaneen barattoonni ugguramanii turan gadi lakkisiifamaniiru-BKO

Finfinnee, Adoolessa 3, 2016 (FBC)- Tibba darbe Garee Shororkeessaa Shaneen barattoonni ugguramanii turan oppireeshinii mootummaan taasiseen gadi lakkisiifamuu Biiroon Kominikeeshinii Oromiyaa beeksisie.

Yuunivarsiitii Dabaarqirraa barnoota isaanii xumuruun gara maatiitti deebi’aa kan turan barattoota 167 keessaa 160 gadi lakkifamuu Hogganaan Biirichaa Obbo Haayiluu Addunyaa ibsaniiru.

Barattoonni gadi lakkisiifaman tarkaanfii qaamoleen nageenyaa mootummaa fudhataniin ta’uu eeranii, barattoota hafan gadi lakkisiisuuf qaamoleen nageenyaa tattaaffii taasisaa jiraachuu himaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.