Garee Iskindir Naggaa Gadaamii Dabra Eeliyaas Sillaasee daheeffachuun socho’aa turerratti tarkaanfiin fudhatame – Humna Waloo Nageenyaa fi Tikaa
Finfinnee, Caamsaa 26, 2015 (FBC) – Garee Iskindir Naggaa Godina Goojjama Bahaa Gadaamii Dabra Eeliyaas Sillaasee daheeffachuun hidhannoon mootummaa kuffisuuf socho’aa turerratti tarkaanfiin fudhatamuu Humni Waloo Nageenyaa fi Tikaa beeksiise.
Tarkaanfii fudhatameen shira mootummaa naannoo Amaarratti xixamaa ture fashaleessuun danda’amuu humni walichaa ibseera.
Dahannaan garee Iskindir Naggaa barbadaa’uu fi hidhattoota 200 irratti tarkaanfiin fudhatamuu humni walichaa himeeta.
Iskindir Naggaa fi jaallewwan isaa yeroof miliquuf yaalanis, Raayyaan Ittisaa fi Humni Nageenyaa Naannoo Amaaraa itti dhiyeenyaan hordofuun oppireeshinii qindaa’aa gaggeessaa jiraachuu Humni Waloo Nageenyaa fi Tikaa beeksiiseera.
Iskindir Naggaan namoota dhuunfaa Shimallus Simaachaw,Sawumahoon Warataawuu fi Manbaruu Kaasee jedhaman waliin ta’uun Humnaan mootummaa kuffisuuf jecha jaarmiyaa Addaa Bilisummaa Amaaraa jedhamu ijaaruun finxaaleyyii biroo waliin qindaa’uun hidhattoota gurmeessuu fi bobbaasuun sochii garaagaraa taasisaa akka ture ibsichi eereera.
Adda biyya keessaa ofiif dursaa kan jiru yoo ta’uu, kan alaa ammoo Kumalaa Daawwit Walda Giyoorgis jedhamu qindeessaa jiraachuu ibsichi himeera.
Qaamoleen lamaan qindoomina uumuun ummata naannichaa hidhachiisuun waraanaa xumura hinqabneetti galchuuf socho’aa turuu isaanii ibseera.
Hidhattoota garichaa 200 irratti tarkaanfiin fudhatamuu fi hedduun booji’amuu ibsichi addeesseera.
Ololli garichi qaamoleen mootummaa hawaasa Gadaamichaa fi Gadaamicharratti miidhaa qaqqabsiisan jechuun miidiyaalee hawaasaan tamsaasaa jiran odeeffannoo dharaa ta’uu himeera.
Yeroo itti aanus hanga naannichi humnoota finxaaleyyiirraa qulqullaa’uun nageenyi waaraa mirkanaa’utti hojiin olaantummaa seeraa mirkaneessuu kan fufu ta’uu humni walichaa ibseera.
Hawaasni naannichaas hojii olaantummaa seeraa mirkaneessuu hojjetamaa jiru kana tumsuu akka qabu waamicha dhiyeesseera.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.