Fana: At a Speed of Life!

Garee humnoota badii Raayyaa Ittisa biyyaa irratti haleellaa Raawwatan ni balleesina- obbo Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Sadaasa 8, 2013 (FBC)- Preezdaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa garee humnoota badii Raayyaa Ittisa biyyaa irratti haleellaa Raawwatan ni balleesina jedhan.

Humnoonni badi kun biyya diiguuf yeroo hunduma fardaa barbaaduu; waan barbaadaniin immoo Magaalaa Finfinnee galanii turan garuu hojiin isaanii balleeffameera jedhaniiru.

Humnoota badii kunneen wajjin araarri kan hin jirre ta’uu dubbataniiru.

Kanumaan Raayyaan Ittisa biyyaa gaachana biyyatti, mallattoo, birmadummaa fi tokkummaa biyyatti waan ta’eef hawaasni , hojjettooni fi lammileen Itiyoophiyaa kamiyyuu Raayyaa Ittisa Biyyaa cinaa dhaabbachuu akka qabu waamicha dhiyeessaniiru. Imala badhaadhinas itti fufsina jedhaniiru.

Ergaa isaaniin booda obbo Shimallis Abdiisaan dabalate hoggantoonni naannichaas Raayyaa Ittisaa Biyyaaf dhiiga arjoomaniru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo
https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.