Garee finxaaleyyii biyya keessaa fi alaa yakkaa saamichaa fi Miidiyaa fayyadamuun olola biyya diiguu raawwatanirratti ajajni qabamuu ba’e
Finfinnee, Sadaasa 19, 2013 (FBC) –Hoggantoota waraanaa olaanoo sadarkaa garaagaraarra jiranii fi qaamolee dhuunfaa biyya keessaa fi alaa yakkaa saamichaa fi miidiyaa fayyadamuun olola biyya diiguu raawwatanirratti ajajni qabamuu ba’u Komishiniin Poolisii federaalaa beeksise.
Hoggantoota waraanaa olaanoo garee finxaaleyyii ABUT sadarkaa garaagaraarratti argaman yakka biyya ganuu fi yakka saamichaan barbaaddamanii fi qaamolee dhuunfaa biyya keessaa fi alaa yakkaa biyya ganuu fi miidiyaa fayyadamuun olola biyya diiguu raawwatan namoota 35 irratti ajajni qabamuu ba’uu Komishiniin Poolisii Federaalaa ibsa Faanaa Broodkaasting Koorporeetiif ergeen ifoomseera.
Haaluma kanaa hoggantoota waraanaa olaanoo sadarkaa garaagararratti argaman yakka biyya ganuun barbaaddaman 7 irratti ajajni qabamuu akka ba’u taasiifameera.
- Meejar jeneraal Zawduu Kiroos Gabrakidaan
- Koloneel Tawaldee Gabratinsaay
- Koloneel Gabra’izi’aabheer Alamsagad
- Koloneen Yemaanee Gabramikaa’eel
- Kumalaa Tawaldee Gabramadihin
- Koloneel Gatinnat Gadayyaa
- Komishinara Rattaa Tasfaayee yoo ta’an, haaluma walfakkaatuun itti gaafatamummaa waraanaa dura qabanii fi garee finxaaleyyii ABUT waliin hariiroo cimaa qabanitti fayyadamuun yakka saamicha qabeenya mootummaarratti raawwachuun kan barbaadaman namoota dhuunfaa 20 irratti ajajni qabamuu ba’eera.
- Leetanaal Jeneraal Taaddasaa Waradaa- Soorramaa qajeelcha olaanaa leenjii
- Meejera Jeneraal Gabraga’aadihaanaa Gabradiillaa- Soorramaa qajeelcha olaanaa odeeffannoo
- Meejera Jeneraal Taklabirihaan Walda Aragaay(Saantiim) –soorramaa daayreektara INSA
- Meejera Jeneraal Birihaane Nagaash (Waddiimadin)- Soorramaa deettaa ministiraa
- Meejera Jeneraal Ma’iishoo Bayyanaa – soorramaa ajaja Izzii Bahaa
- Meejera Jeneraal Ibraahiim Abduuljaliil- Soorramaa qajeelcha Loojastikii olaanaa
- Meejera Jeneraal Yohaannis Waldagiiyoorgis -soorramaa ajaja giddulaa kan turan
- Meejera Jeneraal Nagaasii Tikki’uu – dirqama nageenya kabachiisuu kan gane
- Birgaadeer Jeneraal Aabbaadiiflaansii- soorramaa itti gaafatamaa odeeffannoo Izzii
- Birgaadeer Jeneraal Tsaggaayee Tasammaa(paatiriis)- soorramaa qajeelcha Inispeekshinii kan ture
- Birgaadeer Jeneraal Migiba Hayilaa – soorramaa qajeelcha olaanaa leenjii
- Birgaadeer Jeneraal Taklaay Ashabbir(Waddii’ashabbir) – soorramaa ajaja Izzii xiqqaa kan turan
- Birgaadeer Jeneraal Hayilasillaasee Girmaay (Waddii’ibayta)- Soorramaa qajeelcha duulaa olaanaa
- Birgaadeer Jeneraal Mulgeetaa Barihee – Soorrammaa kutaa ajaje waraanaa Agaazii kan turan
- Koloneel Tawaldee Gabratansaay – Soorramaa odeeffannoo raayyaa kan turan
- Koloneel Gabra’izi’abheer Alemasaggad –Soorramaa odeeffannoo raayyaa kan turan
- Koloneel Dajan Girmaay – Soorramaa itti gaafatamaa bobbii Izzii kan turan
- Koloneel Yemaane Gabramikaa’eel – Soorramaa ajajaa kutaa waraanaa Agaazii
- Koloneel Gabrahanis (Waddii Abaata) – Soorraamaa Ajajaa kutaa waraanaa Izzii Dhiyaa 43ffaa
- Kumalaa Tawaldee Gabramadihiin (Waddii Adwaa) – Dirree Dawaa kan jiru durse kan ba’e qaabenya ummataa saamame deebisuuf akka dandeessisu qabeenyi kunneen eessatti akka argaman Komishinii Poolisii Federaalaatti Biiroo yakka ittisuu lakkoofsa bilbilaa 0111551200 yookaa bilbila bilisaa 861 irratti bilbiluun akka eeruu laattaan ibsichaan eerrameera.
Akkasumas qaamolee dhuunfaa biyya keessaa fi alaa yakkaa biyya ganuu fi miidiyaa fayyadamuun olola biyya diiguu raawwachuurratti bobba’am 8 irrattis ajajni qabamuu irratti ba’eera.
- Dooktar Izqi’eel Gabbisaa
- Dooktar Awwaloo Qaasiim
- Dooktar Ittaanaa Habtee
- Dooktar Tsaggaayee Araarsaa
- Obbo Daani’eel Birihaanee
- Obbo Fitsum Birihinee
- Obbo Aluulaa Salamoon
- Sannaayit Mabraahaatuufaan yakka biyya diiguun seeraan kan barbaaddaman ta’uu Komishiniin Poolisii Federaalaa ibsa isaan eereera.
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo
https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.