Fana: At a Speed of Life!

Garee fedhii dhuunfaa guutachuuf fiiguuf jedhamee biyyi diigamu hin jiru – Dooktar Abrahaam Balaay

Finfinnee,Bitootessa 1, 2013 (FBC) – Garee fedhii dhuunfaa guutachuuf fiiguuf jedhamee biyyi diigamu hin jiru jedhan Ministirri Ministeera Innooveeshinii fi Teeknooloojii Dooktar Abrahaam Balaay.
Dooktar Abrahaam Ummanni Tigraay ummata Ityoophiyaa ijaaran keessaa tokko ta’uu himaniiru.
Yaa ta’uutii fedhii ummataa osoo hin taane gareen fedhii dhuunfaa dursuun biyya diiguuf hojjetan jiraachuu ibsaniiru.
Abjuun qaamolee kanneenii akka hin milkoofne ummanni waloon ta’uun tokkummaa Ityoophiyaa cimsuuf hojjechuu qabu jedhan.
Biyya ijaaruun tokkummaan kan rakkate gargaaruu,gammachuu fi gaddaa waliif qooduuni jedhaniiru.
Ityoophiyaan qaama tokka, morma kutuun kan hin danda’amne ta’uu ibsaniiru.
Ummanni Tigraay biyya kan hundeesse, biyyaaf wareegama kan kaffalee waan ta’eef qaamni kana haalu yoo jiraate, seenaa balleessudha jedhan Dooktar Abrahaam.
Dooktar Abrahaam ummata Ityoophiyaa fi naannolee rakkoon ummata Tigraay rakkoo keenya jechuun deeggarsa taasiisan galateeffataniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.