Fana: At a Speed of Life!

Garee ergama waliigaltee nageenyaa to’atu, mirkaneessuu fi kabachiisu hundaa’u isaa ni dinqisiifanna – Antoonii Bilinkan

Finfinnee, Mudde 21, 2015(FBC)- Gareen ergama waliigaltee nageenyaa to’atu, mirkaneessuu fi kabachiisu hundaa’uun nagenya uummata kaaba Ityoophiyaa mirkaneessuuf tarkaanfii barbaachisaa ta’uu Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Ameerikaa Antoonii Bilinkan ibsan.

Garichi hundeeffamuu isaa Ameerikaan kan dinqisiifattu ta’uus eeruun,  hojiirra oolmaa ergamichaafi waliigaltee nageenyaa deeggaruuf qophii  ta’uu ibsaniiru.

Qaamoleen lameen akkaataa waliigaltee nageenyaa mallatteeffameen nageenya lammiilee akka mirkaneessan gaafachuun, gareen ergama waliigaltee nageenyaa to’atu, mirkaneessuu fi kabachiisu ergama isaa ba’achuu qaba jedhan.

Gamtaan Afrikaa waliigaltee nageenyaa mijeessuu isaaf galateeffachuun, waliigaltichi guutumaan guutuutti hojiirra akka ooluuf koree ergamichaafi qaamolee deeggartootaa waliin hojjechuuf qophii ta’uu eeraniiru.

Ergama Gamtaa Afrikaa, ardichatti walitti bu’iinsa ittisuuf, to’achuufi waldhabdee furuuf taasifamu Ameerikaan kan deeggartu ta’uu ibsuu isaanii ragaan Ministeera Dhimma Alaa Ameerikaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.