Fana: At a Speed of Life!

Garee Atileetiksii Itiyoophiyaaf simannaan gootaa taasiifame

Finfinnee, Bitootessa 16, 2017 (FMC) – Jilli Atileetiksii Itiyoophiyaa Shaampiyoonaa Mana keessaa 20ffaa Chaayinaa Naanjiingitti gaggeeffameerratti hirmaate har’a ganama Finfinnee galeera.

Jilichi wayita Buufata Xiyyaaraa Idi Addunyaa Boolee gahu simannaan gootaa taasiifameefira.

Ministir Deetaan Ministeera Aadaa fi Ispoortii Makiyuu Mahaammad, Pireezidaantii Koree Olompikii Itiyoophiyaa Dooktar Ashabbir Waldagiyoorgis, Pireezidaantii Federeeshinii Atileetiksii Itiyoophiyaa Komaandar Atileet Silashii Sihiinii fi keessummoonni waamichi taasiifameef saganticharratti argamaniiru.

Shaampiyoonaa kanaan Itiyoophiyaan Meedaaliyaa Warqee 2 fi Meetii 3 argachuun Afrikaarraa sadarkaa 1ffaa fi Addunyaarraa sadarkaa 3ffaan xumuruun kan yaadatamuudha.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.