Fana: At a Speed of Life!

Garee ABUTtiin barbadaa’ee kan ture FM Faanaa Dassee tamsaasa eegale

Finfinnee, Muddee 16, 2014 (FBC) – Gareen shororkeessaa ABUTtiin barbadaa’ee kan ture FM Faanaa Dassee tamsaasa eegaleera.

Dhaabbatichi guutuumaa guutuutti barbaadaa’ee kan ture yoo ta’u, qabeenyi teeknikaa Birrii miiliyoona 8 tilmaamamu barbadaa’uu Hojii Gaggeessaa Olaanaan Faanaa Broodkaasting Korporeet obbo Admaasuu Daamxoo ibsaniiru.

FM Faanaa Daassee jireenya hawaasaa jijjiiruuf Aadaa, seenaa, Afaanii fi hariiroo Ummataa cimsuu, akkasumas hojiilee Ityoophiyaa ol kaasaan hojjechaa turuu obbo Admaasuun eeraniiru.

Gareen shororkeessaa ABUT tamsaasa kan barbadeessuun diina ummataa ta’uu isaa mirkaneessa jedhan.

Miidhaa olaanaan irra qaqqabus hawaasa naannichaaf odeeffannoo qaqqabsiisuu fi xansammuu hawaasaa miidhame suphuuf bifa haaraan meeshaalee barbaachisan bituun hojii akka eegaluu taasiifamuu ibsaniiru.

Tamsaasa marsaa jalqabaa eegalchiisuuf Birrii miiliyoonni 5 baasii ta’uu himaniiru.

Taarikuu Laggasaatu gabaase.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.