Garee ABUT yakka jumlaa Maayikaadiraa raawwatanii Sudaanii gara Humuraa seenuuf turan 320 irratti tarkaanfiin fudhatame
Finfinnee, Caamsaa 6, 2013 (FBC) – Garee ABUT keessaa kanneen yakka jumlaa Maayikaadiraa raawwachuun Sudaanitti imaluun irra deebiin gara Humuraa seenuuf turanirratti tarkaanfiin fudhatamuu Ministeerri Raayyaa Ittisa Biyyaa beeksiise.
Garee ABUT keessaa kanneen yakka jumlaa Maayikaadiraa raawwachuun Sudaanitti imaluun gara Humuraa seenuuf turanirratti tarkaanfiin fudhatamuu itti gaafatamaan Humna Bobbii Ministeera Raayyaa Ittisa Biyyaa Birgaadeer Jeneraal Taasfaayyee Ayyaalew ibsaniiru.
Garee ABUT Humaraa fi Maayikaadiraatti yakka ajjeechaa jumlaa raawwaachuun gara Sudaanitti baqatanii turan keessaa namoonii 320 ta’an irra deebiin of gurmeessuun gara Humaraa seenuuf wayita socho’aa turan tarkaanfiin irratti fudhatamuu himaniiru.
Gareen deeggartoota Juuntaa Ameerikaa fi Sudaanitti argamanirraa tumsa argataniin leenjii fudhatachaa turuun irra deebiin gara Ityoophiyaa seenuuf turan haleellamuu isaanii Birgaadeer Jeneraal Tasfaayeen ibsaniiru.
Ammallee humni duubatti hafe jiraachuu eeraniiru.
Zaman Bayyanaatu gabaase.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.