Fana: At a Speed of Life!

Garee ABUT cinaa hiriiranii kan turan hidhattoonni adda bilisa baasaa Afaar 120 karaa nagaan gara naannichaa deebi’an

Finfinnee, Amajjii 5, 2013 (FBC) – Hidhattoonni Adda Bilisa Baasaa Afaar garee finxaaleyyii ABUT cinaa hiriiranii turan 120 ergama badii itti laatame dhiisuun karaa nagaan gara naannichaatti deebi’uu Raayyaan Ittisaa beeksise.
Hidhattoonni waggaa 1f leenjii badii fudhataa turan tattaaffii mootummaan naannichaa fi raayyaan Ittisaa taasiisaniin karaa nagaan marii eegaluu ibsameera.
Raayyaa Ittisa biyyaatti itti gaafatamaan qajeelcha ragaa namoomaa Birgaadeer Jeneraal Dammissi Ammanuu ABUT hidhattoota kanneenitti fayyadamuun daandii guddaa Jiibuutii to’achuuf karoorfatee turuu ibsaniiru.
Gareen finxaaleyyii ABUT hidhattoota kanneen fayyadamuun naannicha dirree jeequmsaa taasiisuuf karoorfatee turuu Preezdaantiin Naannoo Afaar obbo Awwal Aarbaan dubbataniiru.
Raayyaan Ittisaa, jaarsoliin biyyaa fi mootummaan naannoo Afaar hidhattoonni kunneen gara badiitti akka hin galle taasiisuuf hojii bu’aa qabeessa hojjechuu obbo Awwal Aarbaan ibsaniiru.
Maddi:-TOI
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.