Fana: At a Speed of Life!

Garaagarummaa keenya fudhannee biyya keenya ijaaruu qabna- obbo Taaggasaa Caafoo

Finfinnee, Caamsaa 1, 2014 (FBC) – Garaagarummaa keenya fudhannee biyya keenya ijaaruu qabna jedhan Af Yaa’iin Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataa obbo Taaggasaa Caafoon.

Mariin paanaalii mata duree “Ityoophiyaan injifachaa ni ceeti” jedhu naannoo Somaalee magaalaa Jigjigaatti gaggeeffamaa jira.

Sadarkaa biyyaalessaatti walatajjiiwwan marii uummanni dhimmoota biyyaalessaa irratti mari’atu magaalota naannoleetti qophaa’uu obbo Taaggasaan marichaan himaniiru.

Garaagarummaa keenya fudhachuun biyya ijaaruu qabna jedhaniiru.

Biyyaa fi uummata seenaa waggoota dheeraa qabnu ta’uu addunyaatti beeksisuuf qaamoleen waa’een Ityoophiyaa na ilaallata jedhan waltajjiiwwan kanneen irratti hirmaachuun yaadota biyya fayyadan akka qoodaniif waamicha dhiyeessaniiru.

Preezdaantiin naannoo Somaalee obbo Muusxafee Mahaammad gamasaaniin, waltajjiin dhimma biyyaalessaarratti qophaa’e kun faayidaan isaa olaanaa waan ta’eef hirmaattonni hirmaanaa si’ataa akka taasisan ergaa dabarsaniiru.

Maricharratti waraqaan qorannoo hayyootaan dhiyaatee mariin irratti taasifamaa jira.

Waltajjicharratti miseensonni Mana Maree Federeeshinii fi Mana Maree Waloo Paartilee Siyaasaa, bakka buutonni Dhaabbilee Siiviilii Hawaasaa, Artistoonni, abbootiin amantaa fi kutaaleen hawaasaa argamaniiru.

Maddi:- TOI

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.