Fana: At a Speed of Life!

Garaagarteen kamuu mariin akka furamu Paartiin Badhaadhinaa ni hojjeta -Obbo Shimallis Abdiisaa

Garaagarteen kamuu mariin akka furamu Paartiin Badhaadhinaa ni hojjeta -Obbo Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Amajjii 26, 2016 (FBC) – Hooggantoonni olaanoon Mootummaa Federaalaafi Naannoolee Magaalaa Seqoxaatti bakka buutota hawaasaa waliin mari’ataniiru.

Garaagarteen kamuu mariin akka furamu Paartiin Badhaadhinaa hojjechaa jiraachuu Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan waltajjicharratti argamuun yaada kennaniin ibsaniiru.

Qormaatilee mudatan keessaa ba’uuf tokkummaan qabsaa’uun murteessaa ta’uu ibsaniiru.

Nageenya waaraa mirkaneessuuf olantummaan seeraa kabajamuu akka qabu eeraniiru.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.