Fana: At a Speed of Life!

Gara Indaastiriitti ce’uuf yuuniyenoota maaltu gaadi’e?

Obbo Kumasaa Guddinaa Hoji Raawwachiisaa Yuuniyeniin Oomishtoota Kuduraa fi Muduraa Maqii Baatuu yoo ta’an, yuuniyeniiin isaanii irra jireessan kuduraa fi muduraa oomishuurratti xiyyeeffachuun hojjeta.

Gara indaastiriitti ce’uuf karoora qabachuu kan kaasan Obbo Kumasaan, qorannoo bizinasii taasisuun Warshaa Cuunfaa Timaatimaa hundeessuuf sochiirra akka jiran dubbatu.

Yuuniyenichi bara 1994 kan hundeeffame ta’us hanga ammaatti gara indastiriitti ce’uuf humna cimsachuu fi kaappitaala horachuuf tattaafataa jira.

Gara indaastiriitti ce’uuf kaappitaalli murteessaa ta’uu kan kaasan Obbo Kumasaan, yeroo ammaa kaappitaalli isaanii Birrii miiliyoona 91 qaqqabuu himu.

Gara indaastiriitti ce’uun xiyyeeffannaa mootummaa ta’uun, fuulduratti liqiin akka mijachuun gara indaastiriitti akka ce’uuf abdii qaban kaasaniiru.

Gara indaastiriitti ce’uun hojjechuu fi oomishaalee qonnaatti sona dabaluun gabaaf dhiyeessuuf fedhii olaanaa qabaachuus ibsaniiru.

Hoji Raawwachiisaan Yuuniyeniin Qonnaan Bultoota Gaalamaa Obbo Abdurramaan Hajii ammoo makkaanaayizeeshinii fi qonna ammayyeessuu, galteewwan qonnaa dhiyeesuurratti xiyyeeffachuun hojjechaa akka jiran kaasu.

Yuuniyeniin isaanii kanaan dura hundeessee kan qabu Warshaa Nyaata Loonii, Warshaa Sanyii Qulqulleessu kan sochoosu ta’uu eeranii, yeroo ammaa Warshaa Aannanii hundeesuuf adeemsarraa akka jiran dubbatu.

Isaanis, gara indaastiriitti ce’uun Kaappitaalaa olaanaa kan gaafatu ta’uu yaadaa Obbo Kumasan kaasan qooddatu.

Oomishaalee qonnaatti sona dabaluun gabaaf dhiyeessuuf Paarkii Indaastirii Qonna Qindaa’aa Bulbulaatti sheedii argachuuf karoora qabaachuu ibsaniiru.

Ta’us, hanqinni kaappitaalaa sadarkaa olaanaan fedhii gara indaastiriiti ce’uuf qaban daangessuu himaniiru.

Kun ammoo hudhaa yuuniyenoota hedduu akka ta’e nuuf eeran.

Mootummaan liqii yoo mijeesseef kutannoon gara indaastiriitti ce’uuf qaban kan milkaa’u ta’uu dubbatu.

Giddugaloonni Ce’umsa Baadiyyaa ja’aa Naannoo Oromiyaa itti dhiyeenya Paarkii Indaastirii Qonna Qindaa’aa Bulbulaatti ijaaramuun ni yaadatama.

Kaayyoon giddugaloota kanaas sadarkaa jalqabaatti oomishaalee qonnaa qindeessuun Paarkichaaf galtee akka dhiyeessaniif ta’us, Qonnaan bultootaa gurmeessuu fi yuuniyenoonni akka galanii hojjetaniif tattaaffiin taasifamaa jiraachuu Hogganaa Itti Aanaan Koorporeeshinii Misooma Paarkiiwwan Indaastirii Oromiyaa Obbo Mangistuu Raggaasan ibsaniiru.

Obbo Mangistuun, yuuniyenoota waliin hojjechaa fi mari’achaa jiraatanillee, gara indaastiriitti ce’uu fi sadarkaa jalqabatti oomishaa qonnaa qindeessuutti akka  seenuufillee sadarkaa barbadamuun dhufaa hinjiran jedhu.

Kanaaf ammoo hanqinni cimaan humna kaappitaalaa ta’uu kan yuuniyenoonni kaasan mirkaneessu.

Giddugaloonni kunneen ijaaramanii utuu jiranii, kanneen ijaarsa biraaf baajataa qabatanillee akka jiran himu.

Giddugaloota ijaaramanitti akka fayyadaman, gara indaastiriitti akka ce’aniif hojiin hubannoo uumuu hojjatamaa jiraachuus dubbataniiru.

Mootummaan baasii olaanaan giddugaloota kana kan qopheesseef fayyadamummaa isaanii [Yuuniyenootaa] mirkaneessuuf waan ta’eef hojiin yuuniyenoota dadammaqsuu hojjetamaa akka jiru Faanaa Dijitaaliif ibsaniiru.

Dabalaa Taaddasaatu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.