Fana: At a Speed of Life!

Ganna kana lammilee miiliyoona 4 oliif deeggarsi namoomaa taasifame

Finfinnee, Hagayya 24, 2015 (FBC)- Ganna kana lammilee miiliyoona 4.1 oliif deeggarsi namoomaa taasifamuu Komishiinii Hooggansa Sodaa Balaa beeksise.

Komishiinarri Koomishinichaa Ambaasaaddar Shifarraa Takilamaariyaam bakkoota garaagaraatti lammilee deeggarsi namoomaa barbaachisuuf deeggarsa taasisuun itti fufnisaan hojjetamaa jira jedhan.

Lammilee miliyoona 4.1 oliif deeggarsi namoomaa dhiyaachuu kan himanii, fuulduraattis hojii deeggarsa namoomaa dhiheessuu kan itti fufu ta’uu eeraniiru.

Mootummaan Federaalaa, naannolee fi hawaasni lammilee haala rakkisaa keessa jiraniif deggarsa taasisuu kan itti fufan ta’uus mirkaneessaniiru.

Lammileen qabeenya naannawaa isaanii jiru fayyadamuun hirkattummaa deeggarsaa jalaa bahuuf cimanii hojjechuu akka qaban hubachiisuu TOI gabaaseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuuk:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.