Gandoota baadiyyaa aanaalee Begii fi Qondaalaatti Shanee irratti tarkaanfiin fudhatamuu ibsame
Finfinnee,Gurraandhala 10, 2014 (FBC) – Godina Wallagga Lixaa gandoota baadiyyaa aanaalee Begii fi Qondaalaatti hojii oppireeshinii qindaa’aa gaggeeffameen garee shororkeessaa Shaneerratti tarkaanfiin fudhatamuu ibsameera.
Godinichatti hojii oppireeshinii qindaa’aa olaantummaa seera mirkaneessuuf gaggeeffamaa tureen bakkeewwan garaagaraatti uummanni qaamolee nageenyaa waliin hiriiruun shanee irratti tarkaanfii fudhateen garichi barbadaa’aa jiraachuu ibsameera.
Jiraattoonni gandoota kanneenii shaneen diina uummata Oromoo ta’uu fi qaamolee nageenyaa waliin ta’uun gandoota isaanii keessaa kan qulqulleessan ta’uu ibsaniiru.
Tarkaanfii irratti fudhatamaa jirun wal harcaasuun qabeenya hate gatee baqachaa fi bittinnaa’aa jiraachuu eerameera.
Tarkaanfiin garecharratti fudhatamu cimee kan itti fufu ta’uu ragaan Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaarraa argame ni mul’isa.
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.