Fana: At a Speed of Life!

Gandi Bu’uura Hawaasaati –Afyaa’ii Sa’aadaa Abdurahmaan

Finfinnee, Qaammee 1, 2016 (FBC)-Gandi Bu’uura Hawaasaa ta’u Afyaa’iin Caffee Oromiyaa Aadde Sa’aadaa Abdurahmaan ibsan.

Gurmaa’iinsi Gandaa bifa haaraan ijaarame kun, qajeeltoo Heera Mootummaa Naannoo Oromiyaa fooyya’ee Bahe Lakkoofsa 46/1994 keewwata 90 jalatti tarreeffame hordofee kan raawwatame ta’uu Aadde Sa’aadaa Abdurahmaan himan.

qaamoleen Mootummaa sadeen (Mana Maree Gandaa, Mana Maree Bulchiinsa Gandaa fi Mana Murtii Hawaasummaa Gandaa) aangoo fi hojii Heera kanaan qoodame kennameef irratti hundaa’uun gurmaa’anii ummata sadarkaa Gandaatti tajaajiluu akka qaban tumamuu Aadde Sa’aadaan ergaa gama miidiyaa hawaasummmaa isaaniin dabarsaniin himaniiru.

Gurmaa’insi Gandaa haaraan kunis, qajeeltoo tumaa Heeraa fi Bulchiinsa Naannoo ofiin of bulchuu giddugala kan godhate
yommuu ta’u, kaayyoon gurmaa’iinsa kanaas, sadarkaa Gandaatti mootummaa cimaa hojii misoomaa, nageenyaa fi siyaasaa hoogganu, miira tajaajiltummaa ummataa gonfachuu, qabeenya naannoo isaa jiru beekuu, karoorsuufi humnoota waloo ijaaree sirnaan fayyadamuun galmoota gurguddoo badhaadhina sadarkaa maatiifi waloo mirkaneessuu danda’u ijaaruudha.

Mootummaan sagalee ummataan ijaarame dirqama ummata isaa tajaajiluu qaba jedhaniiru.

Tajaajilli ummata keenyaaf kenninus, haqa qabeessaafi si’ataa akka ta’uuf ummata isa filatetti dhihaatee tajaajiluun murteessaa ta’uu kaasaniiru.

Nagaafi tasgabbii ummataa mirkaneessuun misooma itti fufiinsa qabuufi lammiileen hundi irrraa fayyadamuu danda’an uumuudhaaf haala kan mijeesse akka ta’e eeran.

Galmi ijoon gurmaa’iinsa kanaa fedhiifi fayyadamummaa ummata mirkaneessuun hariiroo mootummaa fi ummata gidduu jiru cimsuudha.

Gurmaa’iinsi kun hundeeffama Caffee Oromiyaatti aansee injifannoo seena qabeessa ummanni keenya mootummaa sagalee isaan hundeeffateen argateefi mirga ofiin of bulchuu gonfate kan itti mirkaneeffatedha.

Bu’uuruma kanaan, mootummaan Naannoo Oromiyaas, rakkoowwan kenna tajaajilaa yeroo addaa addaatti ummanni kaasu bu’uurarraa hiikuu, nageenya waaressuu fi sirna cimaan mootummaa cimaa ijaaree dhaloota har’aa injifannoon kaadhimee, egeree biyyaaf ammoo mul’ata haaraa gonfachiisuuf gurmaa’iinsa haaraa sadarkaa Gandaatti diriirsee hojiirra oolchee jira.

Ummanni kun, qe’ee isaatti tumsa mootummaan taasisuufitti fayyadamee diinagdeen of ijaaruu qaba. Guddinaafi jijjiirama caaluuf of qopheessuutu irra jiraata.

Ummata kanatti siqanii tajaajiluun fedhii isaa hubatanii rakkoo hawaas-dinagdee inni qabuuf furmaata kennuu ittigaafatamummaa mootummaati jedhan.

Bu’uura kanaan, qaamolee mootummaa sadeen Gandaa cimsuun diimokiraasii dagaagsuudha.

gurmaa’inni qaamolee mootummaa sadeenii walitti fufiinsaan kan raawwatamu ta’a.

Kana hordofee, Manneen Maree sadarkaan jiran ergama bakka bu’ummaa ummataa isaanitti kenname karaa bahachuu isaan dandeessisuun irra deebiin gurmeessuufi hojiitti galchuuf gurmaa’ina qaama raawwachiiftuu kanatti aansee kan raawwatamu ta’a.

Gurmaa’iinsa haaraa kanaan, Mootummaan qabatamaan Mootummaa ummataa ta’uu isaa kan itti mirkanaa’udha.

Ummanni carraawwan jiran hundatti fayyadamee misoomuuf kan isa dandeessisu, rakkoolee kenna tajaajilaafi bulchiinsa gaariin wal qabatanii uumamaa turan kan ittiin hiiknu, nageenya waaressuun, tajaajila fooyyessuun, daangaa fi qabeenya naannoo keenyaa eeguudhaaniifi kunuunsuudhaan misooma naannoof akka oolan taasisuuf kan dandeessisudha.

Ummanni carraa uumame kanatti fayyadamuun gurmaa’ina haaraa taasifame kana utubuun, hooggansa isa tajaajiluuf amaanaa fudhate deeggaruun, tumsuufi qindoominaan bu’aa caalmaaf waliin hojjechuu akka qabu dhaamaniiru.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.