Fana: At a Speed of Life!

Gamtichi dhaggeeffatamummaa Ardichaa guddisuuf humna Maallaqaa isaa cimsachuu qaba jedhame

Finfinnee, Amajjii 14, 2017 (FMC)- Gamtaan Afrikaa dhaggeeffatamummaa Ardichaa guddisuuf humna maallaqaa isaa cimsachuun akka qabu hayyoonni damichaa ibsan.

Miseensonni gamtichaa madda faayinaasii gahaa ta’uu dadhabuun olaantummaan gamtichaa akka hubamuuf sababa ta’uus hayyoonni kunneen dubbataniiru.

Kunis ajandaawwan gamtichi yeroo adda addaatti irratti mari’achaa ture akka lafa hinqabanne gochuu qorataa fi ogeessi seeraa Maaruu Abdii FMCtti himaniiru.

Rakkoo kana furuufis filannoon jalqabaa dhaabbata gamtichaan hogganamuu fi gamticha cimsu ijaaruu akka ta’e Qorataa fi Barsiisaan Saayinsii Siyaasaa fi Hariiroo Alaa Bafiqaaduu Dhaabaa hubachiisaniiru.

Ardittiin huma namaa fi qabeenya uumamaa qabdu fayyadamuu akka dandeessuuf invastimantii miijataa uumuun barbaachisaa ta’uus eeraniiru.

Ashannaafii Shibbiruutu gabaase.

#Oromiyaa #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.