Fana: At a Speed of Life!

Gamtichi barattoota yuunivarsiitii muraasaan gochaa Baankii Daldalaa Itiyoophiyaarratti raawwatame balaaleffate

Finfinnee, Bitootessa 11, 2016 (FBC)- Gamtaan Barattootaa Dhaabbilee Barnoota Olaanoo Itiyoophiyaa barattoota yuunivarsiitii muraasaan gocha hinmalle Baankii Daldalaa Itiyoophiyaarratti raawwatame balaaleffate.

Baankiin Daldalaa Itiyoophiyaa hojmaataa isaa ammayyeessuuf sochii taasiseen Bitootessa 6, 2016 dogoggora mudateen daddabarsamaallaqaa gaggeeffamerratti, barattoonni dhaabbilee barnootaa olaanoo muraasni hirmaachuu ibsaniiru.

Pireezidaantin Gamtichaa Mikaa’eel Yaabboonash akka eeranitti, gochi barattoonni raawwatan fudhatama kan hinqabnee fi balaaleffatamudha.

Yeroo ammaa Dhaabbilee Barnootaa Olaanoo Mootummaa keessa barattoonni miiliyoona 1.1 akka jiran eeruun, gochi raawwatame barattoota hundaa kan bakka bu’u miti jedhan.

Sochi seeraan alaa mudateen kanneen utuu hinbeekiin hirmaatan akka turan yaadachiisanii, mallaqa fudhatanis deebisuu dubbataniiru.

Barattoonni gochicharratti hirmaatanii turan biroonis mallaqa biyyaa fi ummataa waliin dhahame deebisa jiraachuu eeranii, maallaqicha gama deebisiisuun gamtichi qaamolee dhimmichi ilaalatu waliin walta’iinsaan hojjechaa jiraachuu mirkaneessuu TOI gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.