Fana: At a Speed of Life!

Gamtaan yoo dhaabbannu wanta ulfaataa fakkaatu milkeessuun salphaadha-Obbo Adam Faaraah

Finfinnee, Adoolessa 10, 2015 (FBC)- Gamtaan yoo dhaabbannu wanta ulfaataa fakkaatu milkeessuun salphaadha jedhan Ittaanaan Pireezidaantii Paartii Badhaadhinaa Obbo Adam Faaraah.

Obbo Adam Faaraah guyyaa har’aa kan gaggeeffame guyyaa tokkotti biqiltuu miiliyoona 500 dhaabuu ilaalchisuun ergaa dabarsaniiru.

Ergaa isaaniin, Ityoophiyaaf wanti ulfaataa fakkaatu gamtaan yoo dhaabbannuu salphaa ta’uu eeraniiru.

Guyyaa har’aa biqiltuuwwan miiliyoona 500 dhabuun galmee haaraa galmeessineerra jedhan.

Injifannoon kunis akka dhugoomuuf daa’imaa hanga maanguddootti akkasumaas gosaan utuu walhinqoodin, koorniyaa fi ilaalcha siyaasaan utuu hindaangeffamin abdiin egeree Ityoophiyaa akka lalisu tokkummaan dhaabbanneerra jechuun ibsaniiru.

Paartiin Badhaadhinaa akka biyyatti waamicha dhiyaate simachuun hoggantootaa paartichaa marti, deeggartoonni fi miseensonni ganamaa hanga galgala dhiyaatti biqiltuu dhaabaa turuu ibsan.

Tattaaffii keenya bu’aa argamsiiseen biqiltuuwwan miiliyoona 500 dhaabuuf karoora qabame karooraa ol milkeessuun gammaachuu dachaa ta’uu Obbo Adam kaasaniiru.

Injifannoo biyyaalessaa milkeessine Ityoophiyaanonni tokkummaan yoo kaane bu’aa cululuqaa galmeessuuf humni lafarraa nu daangessu akka hinjirre kan argisiisuu ta’uu ibsaniiru.

Injifannoon kun akka galmaa’uuf Ityoophiyaanota hirmaannaa taasisan, hoggantoota Paartii Badhaadhinaa, miseensotaa fi deeggartootaan baga gammaddan jedhaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.