Gamtaan Waldaa Siivilii Ityoophiyaa adeemsa sagalee laachuurratti haqinoota muudatan guutuuf tattaaffii taasifame dinqisafate
Finfinnee, Waxabajjii 16, 2013 (FBC)- Gamtaan Waldaa Siivilii Ityoophiyaa Wiixata darbe filannoo biyyoolessaa marsaa 6ffaa gaggeeffameen adeemsa sagalee laachuurratti haqinoota muudatan guutuuf Boordiin filannoo biyyoolessaa tattaaffii taasisee dinqisafateera.
Gamtichi adeemsa filannichaa taajjabuuf taajjabdoota hedduu iddoowwan filannoo gaggeeffamanitti bobbasee akka ture ibseera.
Ibsa har’a laateenis adeemsi sagalee laachuu karaa nagatiin xumuramuus taajjabusaa ibseera.
Gamtichi adeemsi sagalee laachuu ciminoota hedduu qabaachuu ibsun keessaayu boordiin filannoo hanqinoota adeemsicharratti muudatan guutuu fi deebii ariifataa laachuuf taattaaffiin taasisee kan dinqisifatamu ta’uu ibsameera.
Paartileen morkattootaas adeemsi filannichaa nagaan akka xumramuuf shoora olaanaa ba’aachusaanii gamtichi ibseera.
Maddi:-TOI
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf:-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.