Fana: At a Speed of Life!

Gamtaan Gurmaa’iinsa Diyaaspooraa 17 qaamolee bu’aa marii nageenyaa irratti dhiibbaa hin malle geessisan balaaleffatan

Finfinnee, Onkololeessa 19, 2015(FBC)-  Miseensonni Gamtaa Gurmaa’iinsa Diyaaspooraa 17 qaamolee bu’aa marii nageenyaa irratti dhiibbaa hin malle geessisuuf yaalan balaaleffatan.

Miseensonni gamtichaa ibsa baasaniin, hpojii mootummaan naannoo Tigraayitti hojjechaa jiru kan deeggaran ta’uu ibsuun, marii nageenyaa Afrikaa Kibbaatti gaggeeffamaa jiru dabalatee hojiilee mootummaan biyya keessatti hojjechaa jiru irratti dhibbaa biyyoonni lixaa tokko tokko uumuuf yaalan kan balaaleffatan ta’uu eeraniiru.

Mootummaan walitti bu’iinsa kaaba biyyattiitti uumame karaa nagaan hiikuuf irra deddeebiin fedhii isaa ibsaa turuu yaadachiisaniiru.

Ityoophiyaattis ta’e naannawichatti nageenyi akka mirkanaa’uuf mariin faayidaa guddaa waan qabuuf mootummaa Ityoophiyaa mariirratti hirmaachaa jiruufi qaamolee marichaaf haala mijeessan kan deeggaran ta’uu miseensonni gamtichaa ibsaniiru.

Sochii marii nageenyichaa daheeffachuun Ityoophiyaarra dhiibbaa geessisuuf taasifamu kan morman ta’uus eeraniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.