Fana: At a Speed of Life!

Gamtaan Emereetota Arabaa adeemsa marii miseensummaa DhDA Itiyoophiyaaf deeggarsa teeknikaa akka taasistu beeksisete

Finfinnee, Adoolessa 18, 2016 (FBC)- Gamtaan Emereetota Arabaa adeemsa marii
miseensummaa Dhaabbata Daldalaa Addunyaaf deeggarsa teeknikaa akka taasistu beeksiste.

Walga’iin Mana Maree Ministiroota Daldalaa BRICS Raashiyaa Mooskootti gaggeeffamaa jira.

Ministirri Ministeeraa Daldala Fi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa Dooktar Kaasaahuun gofeen gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin, walga’ichaan cinaatti Ministir Deetaa Damee Daldala Alaa Ministeera Diinagdee Gamtaa Emereetota Arabaa Dooktar Tahaanii Ahimad waliin mari’ataniiru.

Marii isaaniin, biyyoonni lameen walitti hidhamiinsa daldalaa isaaniirratti marii bu’aa qabeessa taasisuu dubbatan.

Itiyoophiyan adeemsa marii miseensummaa Dhaabbata Daldalaa Addunyaaf deeggarsa teeknikaa taasisuuf waadaa galuu fi karooraa waloo bocuu ibsaniiru.

Dooktar Kaasaahuunis waadaa deeggarsa teekinikaa taasisuuf galameef galateeffataniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.