“Gamtaan Dhaabbilee Waldaalee Hawaasa Siiviilii Nageenyaa” Ityoophiyaa hundaa’e
Finfinnee, Caamsaa 16, 2015 (FBC)- Ityoophiyatti dhaabbilee miti mootummaa biyyaa keessaa nageenyarratti hojjetan 50 Gamtaa Dhaabbilee Waldaalee Hawaasa Siiviilii Nageenyaa hundeessan.
Gamtichi har’a wayita hundaa’u yaa’ii waliigalaa sadii fi miseensota boordii torba filateera.
Gamtichi olaantummaan seeraa akka kabajamu, haqni akka mirkanaa’u, mirgoonni lammiilee akka kabajaman qaamolee dhimmichi ilaallatu waliin hojjechuuf kaayyeffatee kan hundaa’e ta’uu TOI gabaaseera.
Ijaarsa nageenya, diimookiraasii fi bulchiinsa gaarii irratti xiyyeeffachuun walitti bu’iinsaa dursee ittisuun wayita umamu ammoo karaa nagaan akka furaman taasisa jedhameera.
Ministir Deetaan Ministeera Nageenyaa Obbo Taayyee Danda’aan, Ityoophiyaaf dhimmi nageenya caalu waan hinjirreef gamtaan dhaabbilee waldaalee hawaasa siiviilii dhaabbataa dhalootaa dhalootatti ce’u akka ta’uu hubachiisaniiru.
Daayrektarri Olaanaa Abbaa Taayitaa Dhaabbilee Hawaasa Siiviilii Federaalaa Jimaa Dilboon gama isaaniin, gamtichi marii biyyaalessaa fi adeemsa nageenyaa milkeessuufi bu’uuressuun gahee gama isaa bahata jedhaniiru.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.