Fana: At a Speed of Life!

Gamtaan Dargaggoota Oromiyaa lammiilee hongeen miidhamaniif deeggarsa sanyii filatamaa taasise

Finfinnee, Eebila 28, 2014 (FBC) – Gamtaan Dargaggoota Oromiyaa naannichatti lammiilee hongeen miidhamaniif deeggarsa sanyii filatamaa taasiseera.

Roobni arfaasaa godinaalee Oromiyaa hongeen mudatee ture 7 keessatti roobuu hordofee qonnaan bultootaa fi gariin horsiise bultoota gara hojii qonnaatti deebisuuf deeggarsichi taasifamuu hogganaan Waajjira Waldaa Dargaggoota Oromiyaa dargaggoo Gazzahaany Andaargeen ibseera.

Mata duree “Birrii dhibba 2 lammiilee keenya hongeen miidhamaniif” jedhuun dargaggoota naannichaa sadarkaa gandaarraa hanga naannootti jiran hirmaachisuun Birrii miiliyoona 17 fi kuma dhibba 2 fi kuma 16 ol walitti qabuun lammiilee hongeen miidhaman gara hojiisaanii idileetti deebisuuf deeggarsa taasisuu eereera.

Godinaalee Booranaa, Gujii fi Gujii Lixaa, Baalee fi Baalee Bahaa, Harargee Bahaa fi Lixaaf qamadii sanyii filatamaa kuntaala kuma 3 fi 442 Dhaabbata Sanyii Filatamaa Oromiyaarraa bituun dabarsanii laachuu ibseera.

Ittaanaan hogganaa Biiroo Qonnaa Oromiyaa obbo Geetuu Gammachuun deeggarsi taasifame hojiilee lammiilee hongeen miidhaman deebisanii dhaabuuf hojjetamaa jiran kan saffisiisu ta’uu ibsaniiru.

Biiroon Qonnaa naannichaa godinaaleen hongeen miidhaman 7 rooba arfaasaatti akka fayyadamaniif deeggarsa sanyii filatamaan cinaatti xaa’oo kuntaala kuma 15 ol qaqqabsiisuu  dubbataniiru.

Naannolee kanneenitti namoota beelladoonni isaanii jalaa dhumanii lafa isaanii qotachuu hin dandeenye qonna kilaastaraa keessatti hammatamanii akka oomishan taasifamaa jiraachuu eeraniiru.

Biqilaa Tufaatu gabaase.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.