Gamtaan Awurooppaa tumsa tarsiimoo Ityoophiyaa waliin qabuuf iddoo addaa kan laatu ta’uu beeksiise
Finfinnee, Bitootessa 15, 2013 (FBC) – Gamtaan Awurooppaa tumsa tarsiimoo Ityoophiyaa waliin qabuuf iddoo addaa kan laatu ta’uu beeksiiseera.
Ministirri Ministeera Maallaqaa obbo Ahimad Shiideen Gamtaa Awurooppaatti Komishinara Komishinii Tumsa idil addunyaa Yuutaa’aarpilaayinaa fi komishinara bulchiinsa qaala’iinsa gamtichaa Yaanees Leen’asiis waliin Braasalsitti mari’ataniiru.
obbo Ahimad Shiideen haala waqtawaa Ityoophiyaa ilaalchisee Komishinaroota kanneeniif ibsa taasiisaniiru.
Dhimmoota Filannoo biyyaalessaa marsaa 6ffaa fi deeggarsa namoomaa naannoo irratti ejjennoo mootummaa ifoomsaniiru.
Haala mariin sadee hidha haaromsaa irra jirurratti ibsa taasiisaniiru.
Dabalataan tumsa hariisoo misoomaa Ityoophiyaan Gamticha waliin qabdurrattis mari’ataniiru.
Komishinaroonni kunneen gama isaaniin Gamtaan Awurooppaa tumsa tarsiimoo Ityoophiyaa waliin qabuuf iddoo addaa kan laatu ta’uu ibsaniiru.
Akkasumas Ityoophiyaan qooda olaanaa Baha Afrikaa keessatti qabduuf gamtichi iddoo kan laatu ta’uu ragaan Beeljiyeemitti Imbaasii Ityoophiyaarraa argame ni muul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.