Fana: At a Speed of Life!

Gamtaan Awurooppaa Milkaa’ina Ijaarsa diinagdee Diijitaalaa Ityoophiyaaf deeggarsa taasisuu kan itti fufu ta’uu ibse

Finfinnee, Caamsaa 19, 2014 (FBC) – Gamtaan Awurooppaa milkaa’ina ijaarsa diinagdee diijitaalaa Ityoophiyaaf deeggarsa taasisu cimsee kan itti fufu ta’uu beeksiseera.
Ministirri Ministeera Teekinooloojii fi Innooveeshinii Dooktar Ballaxaa Mollaan Ityoophiyaatti Itti Gaafatamaa Walta’iinsa Gamtaa Awurooppaa Isteefan Look, waliin mari’ataniiru.
Marii isaaniitiin Gamtaan Awurooppaa imala ijaarsi diinagdee diijitaalaa Ityoophiyaa akka milkaa’uuf, deeggarsa taasisaa ture cimsee kan itti fufu ta’uu Isteefan Look mirkaneessaniiru.
Dooktar Ballaxaa Mollaan gama isaaniin, deeggarsa gamtichi milkaa’inaa ijaarsaa diinagdee diijitaalaa Ityoophiyaaf taasisa jiruuf galateeffataniiru.
Gamtaan Awurooppaa, damee Saayinsii, Teekinooloojii fi Innooveeshininiin deeggarsa teekinikaa fi maallaqaa taasisaa jirachuu ragaan Ministeeraa Teekinooloojii fi Innooveeshiniirraa argamee ni mul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.