Fana: At a Speed of Life!

Gamtaan Awurooppaa marii guyyaa afuriin bajata diinagdee bayyanachiisurratti waliigale

Finfinnee, Adoolessa 14, 2012 (FBC) – Hooggantootni biyyoota Gamtaa Awurooppaa weerara koronaavaayirasiin duuba maallaqa diinagdee isaanii bayyanachiisu ramaduurratti marii guyyoota afuriin booda waliigalaniiru.

Waliigaltee kanaan biyyootni gamtichaa 27 maallaqa Doolaara biiliyoona 800 fi Doolaara biiliyoona 59 arjoomaafi liqaan dhiyeessuun dhiibbaa diinagdee weerara kanaan dhufu dandamachuuf wal ta’an.

 

Pireezidantiin Firaans Imaanu’eel Maakroon kun guyyaa seena qabeessaa jedhaniiru.

 

Mariin Jimaata darbee eegale biyyoota weerara kanaan akka malee miidhamaniifi biyyoota baasii sodaatanii doqnooman gidduutti qoqqoodumsa uumameen waliigalteerra gahuun rakkisaa ta’e.

 

Mariin kun biyyootni Awrooppaa hedduun uggura sochii kaahanii kan jiran ta’uu isaatiin marii isa jalqabaa aanga’ootni qaaman wal arganii mariyatan isa jalqabaati.

 

Mariin kun Biraasalsitti kan eegale yoo ta’u erga bara Faranjoota 2000 marii isa dheeraati jedhameera.

Bara Faranjoota 2000 mariin Firaans magaalaa Niisitti gaggeefame guyyoota shanitti xumurame.

Maddi:- BBC

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.