Gamtaan Awurooppaa Ityoophiyaaf deeggarsa namoomaa Yuuroo miiliyoona 60.5 taasisuufi
Finfinnee, Bitootessa 20, 2015 (FBC)-Gamtaan Awurooppaa Ityoophiyaaf deeggarsa namoomaa Yuuroo miiliyoona 60.5 akka taasisuf akka ta’e beeksise.
Ityoophiyaatti Biiroon Gamtichaa akka beeksisetti, gamtichii Naannawaa Gaanfaa Afrikaatti wabii nyaataa, lammiilee qe’eerraa buqqa’an, godantota, qophii dandamannaa balaawwan umamaa fi barnootaaf kan ooluu deeggarsa Yuuroo miiliyoona 331 ramaduu beeksiseera.
Bara Faranjootaa 2023 Ityoophiyaatti lammiilee walitti bu’iinsa fi sababa hongeen miidhaaniif kan ooluu deeggarsa namoomaa Yuuroo miiliyoona 60.5 ol ramaduu ibseera.
Ityoophiyaan Sudaan Kibbaa, Somaaliyaa, Eertiraa fi Sudaanirraa kanneen gara Ityoophiyaatti godaanan kuma 875 kan keessumsiistu ta’uun eerameera.
Gamtaan Awurooppaa deeggarsa maallaqaa dabalaataan taasisuuf hojjechaa jiraachun ibsameera.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.