Fana: At a Speed of Life!

Gamtaan Awurooppaa Itiyoophiyaaf sagantaa deeggarsaa Yuuroo miiliyoona 650 ifoomse

Finfinnee, Fulbaana 22, 2016 (FBC)- Gamtaan Awurooppaa Itiyoophiyaaf sagantaa deeggarsaa waggaa damee hedduu Yuuroo miiliyoona 650 ifoomseera.

Hammattoo deeggarsichaas Ministira Ministeera Maallaqaa Obbo Ahimad Shidee fi Komishinarri Walta’iinsaa Idil Addunyaa Gamtaa Awurooppaa Jutaa Urpilaaynan mallatteessaniiru

Gamtichi sagantaa deeggarsaa waggaa damee hedduu Yuuroo miiliyoona 650 kun walta’iinsa tarsiimawaa gama lameenii caalmaan kan cimsu ta’uun ibsameera.

Wayita waliigaltichaattis Ministirri Ministeera Maallaqaa Obbo Ahimad Shideen akka ibsanitti, deeggarsi Yuuroo miiliyoona 650 taasifame, naannawaalee waraanaan miidhaman ijaaruu fi fooyya’iinsa dinagdee biyya keessaa gaggeessuuf ni tumsa.

Komishinarri Walta’iinsaa Idil Addunyaa Gamtaa Awurooppaa Jutaa Urpilaaynan gama isaaniin, deegarsichi naannawaalee waraanaan miidhaaman deebisanii ijaaruu fi hojiilee misoomaa garaagaraaf akka oolfamu himan.

Deeggarsichis bara Faranjootaa 2024 hanga 2027’tti waggoota afuriif kan hojiirra oolu ta’uu ibsuu DhPI gabaaseera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.